Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa boruu konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’an 47 Samaraarraa gara Maqalee ni imalu jedhame

Finfinnee, Adooleessa 7, 2013 (FBC) – Guyyaa boruu konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’an 47 Samaraarraa gara Maqalee kan imalan ta’uu Komishiniin Hoggansa Ittisa Sodaa Balaa Biyyaalessaa beeksiise.
Deeggarsi namoomaa midhaan nyaataa fi nyaataan alaa gama dhabbata sagantaa nyaata addunyaa fi dhaabbilee deeggartootaa biroon dhiyaatan karaa sirriin gara Maqalee akka imalan mootummaan haala mijeessuu Komishinarri Komishinii Hoggansa Ittisa Sodaa Balaa Mitikkuu Kaasaa ibsaniiru.
Konkolaattoota deeggarsa namoomaa fe’anii gara Maqalee imalan 47 keessaa 22 konkolaattoota gurguddoo midhaan nyaataa kuntaala kuma 7 fi 649 fe’an ta’uu himaniiru.
Konkolaattoonni hafan deeggarsa namoomaa nyaataan alaa kuntaala kuma 7 fi 300 fe’anii kan imalan ta’uu kaasaniiru.
Dabalataan hojii misooma qonna gannaa ariifachiisuuf konkolaattoonni 12 sanyii filatamaa kuntaala kuma 10 fi 359 fe’anii akka imalaniif gaaffii Ministeerri Qonnaa dhiyeesseef deebiin laatamuu Komishinar Mitikkuun eeraniiru.
Balallii kallattii fi Xiyyaararraan deeggarsa laachuuf yaadni dhiyaate fudhatama kan hin qabne ta’uu himaniiru.
Haala kamiiniiyyuu balallii addaa kallattiin gara Maqaleetti taasiifamuuf eeyyaamni kan hin jirree ta’uu dubbataniiru.
Deeggarsi Geejjiba Xiyyaaraan imalchiifamu gochaa birmadumaa sarbu ta’uu isaaniin hin eeyyaamamu jedhan.
Mootummaan Ityoophiyaan deeggarsi namoomaa yeroon akka qaqqabuuf midhaan nyaataa Kuntaala kuma dhibba 4 kuusaa magaalaa Maqaleetti argamutti kuusuu Komishiniin Hoggansa Ittisa Sodaa Balaa biyyaalessaa ibsuun isaa kan yaadatamuudha.
Ministeerri Qonnaa hanga guyyaa tarkaanfii dhukaasa dhaabuu dhuunfaa fudhatamutti Xaa’oo biyyoo kuntaala kuma dhibba 6 fi kuma 17 gara naannichaa galchuu ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.