Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa boruu fiigichi daandiirraa Magaala Baatutti ni gaggeefama

Finfinnee, Bitootessa 10, 2014 (FBC) –Qopheessummaa Komishinii Turizimii Oromiyaan guyyaa boruu Sagantaan fiigicha daandiirraa Magaala Baatutti ni gaggeefama jedhame.

Saganticha ilaalchisee qooda fudhattoota waliin ibsi miidiyaaleef kennameera.

Fiigichaa kannarratti hirmaattonni kuma 15 kan hirmaatan yoo ta’u,hawaasa Bashanansiisuu fi hirmaachisuun qabeenya Turizimii naannichatti argamuu akka misoomsuuf kan kaayyeeffame ta’uu ibsameera.

Itti aanaan Komishinaraa Komishinii Turizimii Oromiyaa obbo Naggaa Wadaajoon fiigichi gaggeefamuun Hara Dambal dabalatee qabeenya Turizimii magaalichatti argaman beeksiisuu fi kunuunsuuf carraa uuma jedhan.

kantiibaan Bulchiinsa Magaala Baatuu Obbo Gazahany Dajaneen gama isaaniin Harri Dambal uumamaan qabeenya badhaafamne ta’us sababa aramaa Boceen sadarkaa barbaadamuun faayidaa kennaa hin jiru jedhaniiru.

Fiigichi Guyyaa borii gaggeefamu kun qabeenya uummamaa kanaaf kunuunsi akka taasifamu carraa ni uumama jechuun ibsaniiru..

Hawaasnis fiigicharratti hirmaachuu qofa osoo hin taane hojii qulqullinaarratti akka hirmaatu ni taasifama jedhaniiru.

Hirmaannaa hawaasa magaalichaatiin hamma yoonaatti qaama Hara Dambal
Hektaarri 43 irraa aramaan Bocee qulqulaa’uu ibsaniiru.

Hawaasni Naannawaa Hara Dambal misoomsuun ofii fi biyya akka fayyadan
waammichi dhiyaateera.

Addis Taammiraatiitu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.