Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa alaabaa wayita kabajnu maatii goototaa bira dhaabbachuun abdii itti horuun ta’uu qaba-BKO

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2017 (FBC)- Guyyaa Alaabaa Marsaa 17ffaa wayiita kabajnu gootota ilmaan Itioophiyaa bilisummaa fi birmadummaa biyyaatiif lubbuu isaanii qaalii aarsaa taasisuun Alaabaan biyyaa kabajaan olqabamee akka mirmirfamu taasisan yaadachaa, maatii isaanii bira dhaabbachuun abdii itti horuun ta’uu qaba jechuun Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa Ibse.

Biirichii Guyyaa Alabaa Marsaa 17ffaaf boru mata duree “Alaabaan Keenya Tokkummaa Biyyaalessaaf, Birmadummaafi Olka’iinsa Itoophiyaaf” jedhuun kabajamu ilaalchisuun ibsa baaseera.

Guutuun ibsa biirichaa akka ittaanutti dhiyaateera.

Alaabaan mallattoo biyyi tokko biyyoota biraa irraa adda baatee ittiin beekamtu ibsituu eenyummaati.

Alaabaan huccuu halluu adda addaa mallattoofi boca of danda’e irraa kan hojjetamu ta’ee yaadaafi yaadama hawaasaa, wareegama kaffalame, fedhii misoomaaf guddinaa akkasumas kabajaafi birmadummaa biyya tokkoo kan ibsu mallattoo addaati.

Biyyi keenya Itoophiyaan biyya Alaabaa mataashee qabduufi birmadummaa ishee kabachiisuun jiraachaa jirtu; weerara warra lixaa ofirraa qolachuun Alaabaa ishee kan olqabde biyya goototaa, fakkeenya bilisummaa gurraachota Afriikaati.

Kanaanis Alaabaan biyya Keenyaa biyyoota Afriikaafi sadarkaa Idil-Addunyaatti kabajaaf ulfina olaanaa qabaachuun beekama.

Alaabaan Itoophiyaa gubbaadhaa gara gadiitti halluu Magariisa, Keelloofi Diimaa kan qabuufi gara dalgaatti hamma wal qixaan kan gurmaa’e ta’ee mallattoo cuquliisaa geengoofi urjii xiyyi isaa gara alaatti faca’u of irraa kan qabu yoo ta’u; halluun Magariisni guddina, hormaataafi hojii; Keelloon abdii, haqaafi walqixxummaa; Diimaan wareegama bilisummaafi walqixxummaaf kaffalame; Urjiin gidduurra jiru tokkummaa uummattoota Itoophiyaafi xiyyi abdii fuulduraa waliin qaban kan agarsiisuudha.

Faajjiin Alaabichaas saboonni, sablammoonniifi uummattoonni akkasumas Amantaalee hundi walqixxummaan jiraachuuufi abdii isaanii calaqqisiisuuf kan irratti waliigalan mallattoo tokkummaati.

Kabajaafi ulfinni Alaabaa dhaloota biratti beekamee akka itti fufuuf guyyaan Ayyaana Alaabaa akka biyya keenyaattii marsaa 17ffaaf dhaadannoo “Alaabaan Keenya Tokkummaa Biyyaalessaaf, Birmadummaafi Olka’iinsa Itoophiyaaf!” jedhuun guyyaa boruu Onkololeessa 4/2017 dhaabbilee mootummaa sadarkaa naannoo irraa kaasee hanga Gandaatti akkasumas dhaabbilee Barnootaa hunda keessatti sirna ho’aa ta’een kabajamee oola.

Guyyaa Alaabaa Marsaa 17ffaa wayiita kabajnu Mallattoo Waloomaafi Birmadummaa biyya keenyaa kan ta’e alaabaa keenyaaf kabaja malu kennaa , gootota ilmaan Itoophiyaa bilisummaafi birmadummaa biyyaatiif lubbuu isaanii qaalii aarsaa taasisuun Alaabaan biyyaa kabajaan olqabamee akka mirmirfamu taasisan yaadachaa, maatii isaanii bira dhaabbachuun abdii itti horuun ta’uu qaba.

Qormaatilee namtolcheefi uumamaa yeroof nu muudatan obbolummaa sabdaneessummaa keenya cimsachuun irra aannee injifannoo boonsaa galmeessaa dhufuu keenya wal yaadachiisaafi yoo tokkoomne wanti duubatti nu deebisu akka hin jiraanne hubannee injifannoo arganne kunuunsaa injifannoo biraaf of qopheessuuf waadaa keenya Alaabaa keenya jalatti haaromsuun egeree biyya keenyaaf murteessaadha.

Ergamni keenya guddichi biyya birmadummaan ishee eegame keessatti bilisummaa dhiiga keenyaan arganne dafqa keenyaan utubaa biyya jabduufi mootummaa cimaa ijaaruun fayyadamummaa uummata keenyaa mirkaneessuudha.

Kanaafis wal sakaaluu keessaa baanee mareefi marabbaan rakkoo keenya furachuun ijaarsa biyyaa eegalle mirkaneessuuf hunduu gumaacha irraa eegamu ba’achuu qaba.

Mootummaan keenya ijaarsa dhaabbilee bu’uura qabsiisaa kan jiruufi tajaajila uummataa mirkaneessuuf murtoo seena qabeessa murteesseen Gandaafi Aanaa bifa haaraan gurmeessuun tajaajila rogdaneessa uummataaf dhiyeessuun danda’ameera.

Kun injifannoo guddaa imala jijjiiramaa mul’iseefi kabaja Alaabaas olqabedha.

Baga guyyaa kabaja Alaabaa Marsaa 17ffaa geessan !
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Onkoloolessa 2017
Finfinnee

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.