Fana: At a Speed of Life!

Guutinsi Bishaanii Hidha Haaroomsaa marsaan duraa xumurame

Finfinnee, Adoolessa 15, 2012 (FBC) – Guutinsi Bishaan Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa marsaan duraa xumuramuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksise.

Waajjirichi yaa’ii miseensota biiroo gamtaa afrikaa waliin dhimma hidha haaromsa irratti marii gaggeesse ilaalchisee ibsa laatera.

Haalli roobaa yeroo ammaa jiru guutinsa bishaan Hidha Haaromsaaf haala mijataa uumuu ibsameera.

Mariin guutinsa bishaan hidha haaroomsaa marsaa duraarratti xiyyeeffate madaallawaa fi hunda moo’ata akka taasisuu Ityoophiyaan qophii ta’uu ishee waajjirichi beeksiseera.

Waajjirichi hidhaan haaromsa guddicha Ityoophiya qaamoole sadan walqixa fayyadamoo akka taasisu mirkanaa’uu ibseera.

Marsaan duraa torbee lama keessatti xumuramus ibsameera.

Marii guyyaa kaleessaa viidiyoo Konfaransiin gaggeeffame dura taa’aan gamtaa Afrikaa fi Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoomsaan dursaniiru.

Walga’ii kanarratti Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy, Muummee Ministiraa Sudaan Abdallaa Haamdookii fi Preezdaantiin Gibts Abduulfattaa Alsiisiin hirmaataniiru.

Akkasumas Komishinara Komiishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaamaat dabalatee bakka buutoonni miseensoota biiroo gamtaa Afrikaa hirmaataniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy, rakkoon Afrikaa furmaata Afrikaa barbaada yaada jedhu cimsuuf marii bu’aa qabeessa gaggeessineerra jedhan.

haala guutinsa bishaanii ilaalchisee mariin teeknikaa yeroo itti aanaa akka gaggeeffamu walii galteerra ga’amuu ibsameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.