Fana: At a Speed of Life!

Guutinsi Bishaanii hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan milkiin xumuramuun Ityoophiyaanootaaf missiraachoo guddaadha – Jeneraal Birihaanuu Juulaa

Finfinnee, Adooleessa 12, 2013 (FBC) – Guutinsi Bishaanii hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan milkiin xumuramuun Ityoophiyaanootaaf missiraachoo guddaadha ta’uu Ajejaan Walii galaa Raayyaa Ittisaa Jeneraal Birihaanuu Juulaan ibsaniiru.
Jeneraal Birihaanuu Juulaa guutinsi Bishaanii hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan milkiin xumuramuu sababeeffachuun ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Guyyaan har’aa Ummata Ityoophiyaaf guyyaa missiraachoo guddaa ta’uu himaniiru.
Ityoophiyaan biyya kamiiyyu miidhuuf fedhii fi kaayyoo kan hin qabaanne ta’uu himuun, guutinsi kunis isuma kana kan mirkaneessu ta’uu eeraniiru.
Jeneraal Birihaanuun gareen Shororkeessaa ABUT yeroo qalbeeffannaa mootummaan ummata Tigraayiif laate fayyadamun haleellaa raawwachaa jiraachuu kaasaniiru.
Raayyaan Ittisaa yeroo kamiiyyuu caalaa ga’umsa fi dandeetti gaariirra jiraachuu himaniiru.
Garichi qocholoo isaa kan itti fufu taanaan Raayyaan Ittisaa tarkaanfii barbaachisu fudhachuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Ummanni naannoo Tigraay yeroo qalbeeffannaa laatameef fayyadamuun garicha dura dhaabbachuu qabu jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.