Fana: At a Speed of Life!

Guutinsi Bishaanii HGHI marsaa 4ffaan milkiin xumuramuun kennaa bara haaraa Itiyoophiyaanootaati – Ambaasaaddar Mallas Alem

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC) – Piroojektiin Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa Piroojektii fayyadamummaa waloo biyyoota yaa’ichaa mirkaneessu ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alem ibsaniiru.

Itiyoophiyaan waliigalteewwan Hidha Guddicha Haaromsaa qaama tokkoof looganiin misooma irraa duubatti hin deebitu jedhan.

Hidhichi madda anniisaa qabeenya, beekkumsaa fi humna isaaniin lammiileen Itiyoophiyaa kan ijaarratan ta’uu dubbatniiru.

Gaaffii misoomaa bara dheeraa dhalootaa kan deebisee fi guutinsi isaa milkiin xumuramuun kennaa bara haaraa 2016 ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaa sababa hidhichaan dhiibbaa hedduun mudatus ejjennoo, murannoo fi tattaaffii isheen qormaatilee hunda darbuu ibsaniiru.

Hidhichi daangaa Birmadummaa Itiyoophiyaa keessatti ijaaramus faayidaan isaa biyyarra kan darbeedha jedhan.

Guutinsi marsaa 4ffaa kan gaggeeffame akkaataa bu’uura bilisummaa imaammataan lammiilee biyyattii % 65 humna Elektirikaa hin arganneef humna dhiyeessuuf ta’uu dubbataniiru.

Yaa ta’uutii qaamoleen tokko tokko dhimmicha kallattii dogongoraan ilaalaa jiraachuu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan hariiroo misoomaa, fayyadamummaa waloo fi dhimmoota naannawaa ilaallaturratti tumsaan hojjechuu cimsitee kan itti fuftu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.