Fana: At a Speed of Life!

Guutiinsi Bishaanii marsaa 2ffaan hidha haaromsaa bu’uuruma waliigaltee biyyoota sadaniin gaggeeffamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2013 (FBC) – Guutiinsi Bishaanii marsaa 2ffaan hidha haaromsaa bu’uuruma waliigaltee biyyoota sadaniin gaggeeffamaa jiraachuu mariisiisan hidhichaa fi walitti qabaan garee ogeeyyii Injiinar Geediyoon Asaffaan ibsaniiru.

Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi bara Faranjootaa 2015 akkaataa qajeelfamaan marii Hidha Haaromsaa ilaalchisee Sudaan Kaartumitti ulaagaaleerratti waliigaltee mallatteessuun kan yaadatamuudha.

Ulaagichi keeyyata 10 kan hammate yoo ta’u, itti fayyadamummaa haqa qabeessa biyyoota sadan mirkaneessuufi jedhame.

Guutiinsi Bishaanii marsaa 2ffaan hidha haaromsaa bu’uuruma waliigaltee biyyoota sadaniin gaggeeffamaa jiraachuu mariisiisan hidhichaa fi walitti qabaan garee ogeeyyii Injiinar Geediyoon Asaffaan ibsaniiru.

Guutiinsi bishaanii marsaa 2ffaan kun qabxiiwwan ogeeyyiin biyyoota sadanii dursa irratti waliigalan keessatti kan hammatamu ta’uu Injiinar Geediyoon hijaniiru.

Akkaataa Ulaagichaan biyyoonni sadan waliigalee mallatteessanii baatiwwan 15 keessatti qorannoon lama akka gaggeeffamu tumamus Sudaanii fi Gibtsi ejjennoo qabataniin osoo hin milkaa’iin hafuu eeraniiru.

Hawaasni idil addunyaa Sudaanii fi Gibtsi hidhicha ilaalchisee olola sobaa tatamsaasan qulqulleefdachuu akka qaban hubachiisaniiru

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.