Fana: At a Speed of Life!

Gurmaa’insa Tajaajila Fayyaa fooyyeessuuf dandeessisu ijaareerra – Dooktar Darajjee Dhugumaa I

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2016 (FBC) – Sadarkaa biyyaalessatti Gurmaa’insi Tajaajila Fayyaa fooyyeessuuf dandeessisu ijaaramuu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ibsan.

Yaa’iin Damee fayyaa 25ffaan taa’amaa ture xumurameera.

Sadarkaa biyyaalessatti Gurmaa’insi Tajaajila Fayyaa fooyyeessuuf dandeessisu ijaaramuun sosochii ummataa uumuun saffisaan gara hojiitti galamuuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Darajjeen ibsaniiru.

Kanaafis hubannoo uumuu fi beeksisuu, galteewwan dhiyeessuu fi ogeeyyii Ekisteenshinii fayyaa fi qindoomina fooyya’iinsa tajaajilaaf deeggarsa fi hordoffii taasiisuun, odeeffannoo waqtaawaa murtoof gargaaru dhiyeessuun cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Yaa’ichaan karoorri bara hojii 2016 kan mallattaa’e yoo ta’u, waliigaltee kanaan Ministeerri Fayyaa fi Biirooleen Fayyaa naannolee galma karoora bara 2016’f kaa’ame milkeessuuf waliigalamuu ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.