Gurmaa’iinsi Gandootaa haaraan sagantaalee misoomaa dhaqqabamaa taasisuuf gargaara-Dooktar Tasfaayee Beeljigee
Finfinnee, Mudde 3, 2017 (FMC)-Naannoo Oromiyaatti Gurmaa’insi Gandootaa haaraan sagantaalee misoomaa hanga gandaatti dhaqqabamaa taasisuu fi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Ministirri Waamaman Olaanaa Mootummaa Dooktar Tasfaayee Beejigeen ibsan.
Dooktar Tasfaayeen Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Hallutti sochii gurmaa’iinsa gandaa gaggeeffaman daawwataniiru.
Gurmaa’iinsi kun rakkoolee bulchiinsa gaarii furuufis ta’e qabeenya umamaa faayidaa lammiilee fi misoomaa biyyaaf oolchuuf kan tumsuudha jedhan.
Gurmaa’insichaan hojiileen eegalaman sadarkaa gaariirra jiraachuu hawaasarraa yaadaa kennameen hubachuu himanii, adeemsichi gara naannolee birootti akka babal’atuuf fuulduratti kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.
Godina Iluu Abbaa Boor aanaalee 13’tti gandoota 287 argamanitti hoggansi kuma 1 fi 800 ol ramadamuun hojiin eegalamuu Bulchaan Godinichaa Obbo Indaalkaachoo Tafariin ibsaniiru.
Humna namaa gandoota walirraa hiixuutti argaman gurmeessuun hojiitti galchuun misoomaa fi guddina mirkaneessuuf gandoota giddugaleeffachuun gurmaa’iinsichi kan hojjetu ta’u kaasuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia