Fana: At a Speed of Life!

Gurgurtaa boba’aa qinxaaboo irratti sirreefamni taasifame

Finfinnee, Amajjii 30, 2013 (FBC) – Ministeerrii Daldalaa fi Indaastirii Amajjii 30 hanga Guraandhala 30, 2013 jalqabe gurgurtaa boba’aa qinxaaboo irratti sirreefamni taasifamuu beeksise.
Haaluma kanaanis Magaalaa Finfinneetti gurgurtaan Qinxaaboo boba’aa liitiriin 1 Beenziini Birrii 25.82
Itaanoaliifi beenziin wal makaan Birrii 25.32
Naafxaa adii liitiriin 1, Birrii 23.04
Keeroosinaa liitiriin 1, Birri 23.04
Naafxaan gurraachi liitiriin 1, Birri 20.27
Naafxaa guurrachaa ulfaatu liitiriin 1, Birrii 19.77 fi
Boba’aan Xiyyaara liitiriin 1, Birrii 35.12, ta’uu ministeerichi beeksiseera.
Sirreeffamni Gurgurtaa boba’aa Qinxaaboo liitiraan irratti taasifamee Magaalaa Finfinnee dabalate guutummaa biyyaattitti haala fageenya naannichaa giddu galeessaa taasisuun Amajjii 30 bara 2013 irra jalqabee hojjirraa akka oolu himameera.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.