Fana: At a Speed of Life!

Gumiin Gaayyoo seeroota lallabachuun xumurame

Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC) – Gumiin Gaayoo yaa’isaa gosaa fi miiloo xummurachuun Seerota ba’an Gumii Walii galaaf dhiyeesseera.
 
Gumichi seerawwan duraan turan cimsuun, Seerota Haaraaa baaseera jedhame.
 
Akka Gumii Gaayootti seerri Jalqaba ba’uu fi ilaallamu seera dubartii yoo ta’uu, inni lammataa ammoo Seera Fardaati.
 
Akka waajjirri dhimmoota koominikeeshi mootummaa godina Booranaa beeksisett,gumiin Gaayoo Baranas Seerota duraan jiraaniif haaraa ba’an keessaa seera Fardaa ilaalchisee ba’e akka eeggamuu fi Booranatti hojii irra akka oolu himameera.
 
Gumiin Gaayyoo Gadaa Kuraa Jaarsoo torbee lamaa oliif taa’amaa ture, dhimmota jiran hundaa fixachuun guyyaa 17ffaa isaaniitti seera lallabachuun xumuramte.
 
Guyyaa 17ffaa isaaniitti waa hunda xumuruun gaaddisa eebbaa fi seera lallabateera.
 
Seeroonni lallabamanis kan nama,dheeda,dhiibbaa, yakkaa,dubartii, Gadaa fi seera bosonaa fi bineensoota bosonaati jedhame.
 
Gumiin Gaayyoo 42ffaan waggaa saddeettan har’aa deebi’ee taa’amu Abbaa Gadaa Booranaa 72faan taa’ama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.