Fana: At a Speed of Life!

Gumiin Gaayoo yeroo 41ffaaf hagayya 19 irraa jalqabee akka taa’amuuf abbaan Gadaa kora waame

Finfinnee, Hagayya 17, 2012 (FBC) – Gumii Gaayoo ta jalqabaa, Abbaa Gadaa Booranaa Dawwee Gobbootti si’a jalqabaatiif Ardaa Jilaa Gaayootti teessise.

Haaromsa Gadaa Booranaa booda Abbaan Gadaa 31ffaa Daawwee Gobboo Ardaa jilaa Gaayootti kan kora eegalsiisan amma Kuraa Jaarsoo Kuraa si’a 41ffaa waamaniiru.

Gumii tana koruuf Gadaan Booranaa baatii dabarte kan Ardaa Jilaa Gaayoo qubatte yoo ta’u qophiin Gumii jalqabuu xumurameera.

Gumiin tun torban sadiif akka teettu barameera.

Gumiin Gaayoo aanaa Dhaasitti taa’amu, guyyaa ardaa eebbifateerra kaatee guyyaa gosaa jechuun gosaan gargarii bahuun marii gosaa, taa’u.

Marii gosaa tana keessatti dhimmooti sadarkaa gosaatti ilaalamuu qabantu ittiin falama.

Dhimmooti sadarkaa gosaatti murtee hin arganneef kan Booran cufaa ta’an Gumif dhihaataniit murteen itti kennama
Mariin guyyaa gosaa tun torbaan tokkoof isaa oliis turuu danda’a.

Mariin gosaa tun dubbii himannaa yakkaa, rakkataa qarqaaruu dhimma ilma tuuttuuf intala fuulaa, Haraa, Eelaaf waan keessoo gosaatti itti ilaalama.

Guyyaan gosaa akka dhumeen Gumiin Gaayoo dhimma Booranaa ilaala.

itti ammoo dhimmoota sadarkaa gosaatti dubbiin hiikkaan itti kennamuu dadhabamee kan Boorana cufaati jedhamee murtee argata.

Gumii Gaayootiin seerri duraan tumame ilaalamee kan haromfamuuf kan itti dabalamu yoo jiraate dabalamee murama.

Gumiin Gaayoo Sirna Gadaa jabaa biyya alaa keessa Oromoo fi qorattoota hirmaachisuun geggeeffamaa ture. Bara kana ammoo dhibeen koroonaan wal-qabatee of eeggannoo cimaan namni akka dhibee kanaaf hin ssaaxilamnetti akka taa’amu muraat’era.

Kaleessa Gumii Gaayyoof haal-dureen malu hundi murtaa’uu Abbaan Gadaa Booranaa 71ffaa Kuraa Jaarsoo himaniiru.

Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo Kuraa erga gadooma Booranaatti ba’anii ganni afur darbeera.

Getaachaw Mul’ataatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.