Fana: At a Speed of Life!

Gumiin Balal marsaa 13ffaan mata duree ‘hundeeffama mootummaa haaraan ga’ee ijaarsa sirnaaf qabu’ jedhurratti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 21, 2014 (FBC)- Gumiin Balal marsaa 13ffaan mata duree ‘hundeeffama mootummaa haaraan ga’ee ijaarsa sirnaaf qabu’ jedhurratti xiyyeeffatee gaggeeffamaa jira.

Marichi waajjira Preezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa jira.

Marichaaf yaada ka’umsaa kan dhiyeessan gorsaa kominikeeshinii preezdaantii BMNO Dooktar Yaared Tashoomee fi Sannaayit Maabiraateeti jedhameera.

Hayyoonni dhimma siyaasaa fi seeraa marichaarratti hirmaataniiru.

Marii kanaan, dhimmoonni jajjaboon mootummaa haaraa hundeeffamaa jirurraa maaltu eegama jedhuu fi sirni ijaaramu qabu haala kamiin hawwasa biyyatti qixa sirriin tajaajiluu danda’a kan jedhu bal’inaan irratti mari’atama jedhamee akka eegamuu ragaan waajjira preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.