Gumiin Abbootii Gadaa fi Haadholee Siinqee godina Qellem Wallaggaa qaamolee hidhatanii bosona jiraaniif waamicha dhiyeessan
Finfinnee, Muddee 28, 2014 (FBC)- Gumiin Abbootii Gadaa fi Haadholee Siinqee Godina Qellem Wallaggaa qaamolee hidhatanii bosona jiraaniif waamicha dhiyeessaniiru.
Gamtaan Abbootii Gadaa fi Haadholee Siinqee Jahan Sayyoo Godina Qellem Wallaggaa ardaa jilaa jahan Sayyootti walgahuun tumaa nageenyaa tumatan labsuun qaamoleen hidhatanii bosona jiran karaa nagaan Abbootii Gadaatti harka akka kennatan waamicha taasisaniiru.
Biyya keenyaaf yeroo kamiin olitti yeroon kun yeroo nageenyi itti barbaachisu waan ta’eef meeshaa waraanaan hidhatanii bosona taa’uun, dhiiga walii dhangalaasuu fi qabeenya mancaasuun hin barbaachisu, qaamni hawaasichaaf qabsaa’uu barbaadu kamiyyuu ifaaf ifatti bahee mariin yaada isaa ibsachuu qaba jedhaniiru.
Kanaaf Abbootiin gadaa qaamni hidhatee bosona keessa socho’u karaa nagaan Abbootii Gadaatti akka harka kennatu waamicha dhiheessuusaanii ragaan waajjira kominikeeshinii mootummaa godina Qellem Wallaggarraa argame ni mul’dhisa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.