Gumii Balal marsaa 40ffaan gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Mudde 18, 2017 (FBC)- Gumiin Balal marsaa 40ffaan Mata duree “Walwaraansa irraa gara nageenya waaraatti” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Maraammartoo waraanaa keessaa bahuuf yeroo ammaa hojiilee Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojjechaa jiru abdii olaanaa ta’uun himameera.
Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan garaagarummaa yaadaa jiru hiikuun sagaleen qawwee Oromiyaa keessaatti akka hindhagahamnee taasisuuf mootummaan kutannoo olaanaa agarsiiseen bu’aan argamuu kaasan.
Nagaa waaraa milkeessuuf ilaaf ilaalmee irratti bu’uureffachuun murteessaa ta’uu Obbo Hayiluun himaniiru.
Nageenya mirkaneessuun Oromiyaa dabalatee bu’uura nageenyaa akka biyyaatti mirkaneessuun guddina biyyaa kan itti fufsiisu ta’uus himaniiru.
Waltajjii Gumii Balal kanarratti qorannoon adda addaa dhiyaachuun bal’inaan kan irratti mari’atamu ta’uun ibsameera.
Baayiluu Baaneetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia