Fana: At a Speed of Life!

Gumii Balal marsaa 29ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 17, 2015 (FBC)- Waltajjiin Gumii Balal marsaa 29ffaan mata-duree “Adwaa Tokkummaa, Gootummaa, Bilisummaa” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Maricharratti Ministiraa Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa dabalatee, qondaaltonni biroon argamaniiru.

Oromoon injifannoo Adwaa keessatti gaheen inni qabaachaa ture guddaa kan ture ta’uu marichaan ka’eera.

Oromoon waraanaaf kaanaan injifannoo malee kan hin deebine ta’uu seenaan Adwaa agarsiiftuu akka ta’eefi gahee Oromoon ijaarsa biyyaa keessatti qabu hanga biyya kana ijaaruuf dadhabaa ture seenaan dhugaa hin himamneefii jedhan Obbo Qajeelaan.

Seenaa Oromoon injifannoo Adwaa keessatti qabu hanga himamuufii qabu himamuu dhabuu fi seenaan jal’ifamee barreeffamaa turuu ibsameera.

Dhaloonni ammaa injifannoo yeroo sanaa kan isaa ta’uu beekee deeffachaa jira jedhameera.

Bahayiluu Baaneetu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.