Gumii Balal marsaa 25ffaan dhimma Tuuriziimii irratti taa’amaa jira
Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Waltajjiin Gumii Balal marsaa 25ffaan mata duree “Daldala Tuuriziimii Beekumsaan Hogganamu” jedhuun Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti, hawwata Tuuriziimii Oromiyaan qabdutti gargaaramuun tuuristoota harkisuuf hojjetamuu akka qabu hayyoonni damichaa himaniiru.
Oromiyaan qabeenya uumamaa hawwata tuurizimiif oolan hedduu qabaattus hanga barbaadamu irratti akka hinhojjetamne kan eerame yoo ta’u, kun ammoo galii naannichi damee Tuurizimiin argachuuf qabu dhabsiisaa waan jiruuf xiyyeeffannoo barbaadas jedhameera.
Dabalataanis, teekinooloojiitti gargaaramuun bakkeewwan hawwata tuurizimii Oromiyaan qabdu beeksisuuf xiyyeeffannoon hojjechuu gaafatas jedhame.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.