Fana: At a Speed of Life!

Gumbii Bordoddeetti roobni bubbee fi cabbiin makatee roobe miidhaa qaqqabsiise

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2014 (FBC) – Godina Harargee Lixaa Aanaa Gumbii Bordoddee Magaalaa Bordoddeetti, rooba bubbee fi cabbiin walmakee roobeen, qabeenyi manca’uu fi namoota irra miidhaa cimaa fi salphaan qaqqabuu Waajjirri Buusaa Gonofaa Aanichaa beeksise.

Ittigaafatamaan Waajjira Buusaa Gonofaa Aanichaa Obbo Gabii Amaanoo, manneen jireenyaa 85 buqqa’uun kaan ammoo qilleensaan fudhatamee faffaca’uu himan.

Balaa kanaan jiraattoonni 228 miidhamuu eerameera.

Obbo Gabiin akka eeranitti, hawasni balaa kanaan miidhaman kunneen, duraan Naannoo Soomaaleerraa buqqaafamanii ganda lammii qubsiifamaniidha jedhan.

Qaamni dhimmichi ilaallatu deeggarsa barbaachisaa akka taasisuuf gaafatanii, aanichatti koreen miidhaa qaqqabe adda baasu hundaa’ee hojjechaa jiraachuu ibsuu ragaan waajjiraa kominikeeshinii aanaa Gumbii Bordoddeerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.