Fana: At a Speed of Life!

Gumaacha tola ooltummaa barnootaa irra deebiin bocuu fi babal’isuuf mariin idila addunyaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 23, 2012 (FBC)- Galma Waajjira Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Maatummoota Mamtoomaniitti walga’iin Gumaacha tola ooltummaa barnootaa gaggeeffamaa jira.

Gumachaa tola ooltummaa barnootaa irra deebiin haala bocuu fi babal’isuun danda’amu irratti jilli komishinii idila addunyaa Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdeen durfamu walga’ii isaa Faransaay Paarisitti gaggeessaa jira.

Dhaabbanni Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii rakkoolee idila addunyaa hiikuu irratti mallattoo addaa qaba jedhan Preezdaandii FDRI Saahilawarq Zawdee.

Komishinicha irraa bu’aa hedduun ni eeggama kan jedhan Preezdaant Saahiwarq, rakkoolee yeroo itti aanuu keessa nu qunnamuu danda’an furuuf haala ammayyaatiin fageessinee xinxaaluu danda’u qabna jedhan.

Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee hanga bara Faranjootaa 2002-2006tti Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu’aa Ityoophiyaa ta’uun hojjechuu isaanii ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.