Fana: At a Speed of Life!

Gulaallii waancaa  liigii biyyoota Awurooppaa bara 2020 eda galgala taphoonni 20 gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) – Taphootaa gulaallii waancaa neeshinsi liigii Awurooppaa eda galgala taphatameen Ingilaand Beeljiiyeem yoo injifattu Xaaliyaanii fi Poolaand qixa ba’an.
 
Gulaallii waancaa  liigii biyyoota Awurooppaa bara 2020 eda galgala taphoonni 20 gaggeeffamaniiru.
 
Tapha ramaddii A2 jalatti gaggeeffameen Ingilaand 2 -1 Beeljiiyeem yoo injifattuu, tapha ramaddii A1 jalatti taphatameen Pooland fi Xaaliyaaniin goolii malee qixa xumuranaiiru.
 
Taphni si’oominaan eeggamaa ture taphni Faransaayii fi Poorchuugaal gudduutti gaggeeffames goolii malee qixaan xumurameera.
 
Kirooshiyaan 2 – 1 Siwiidin
Iyislaand 0 – 3 Deenmaark
Noorweey 4 – 0 Roomaaniyaa
Isiraa’eel 1 – 2 Cheek Rippabliik
Iskootlaand 1 – 0 Isloovaakiyaa
Raashiyaa 1 -1 Tarkii
Sarbiyaa 0 -1 Hangaarii
Giriik 2 – 0 Mooldoovaa
Koozoovoo 0 – 1 Slooveeniyaa
Armeeniyaa 2 – 2 Joorjiyaa
Istooniyaa 3 – 3 Maqedooniyaa Kaabaa.
 
Taphoota eda gaggeeffame keessaa taphoonni 9 qixaan xumuramaniiru.
 
Taphoonni gulaallii waanchaa Liigii biyyoota Awurooppaa kun Roobii dhufu kan itti fufu yoo ta’u, taphni Xaaliyaanii fi Neezarlaand, Ingilaandii fi Deenmaark, Kirooshiyaa fi Faransaay, Poorchuugaalii fi Siwiidiin gidduuttii gaggeeffamu xiyyeeffannoo olaanaa argateera.

Maddi:-BBC Sport

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.