Gujii Lixaatti lafti hektaarri kuma 184 sanyii uwwifameera
Finfinnee, Caamsaa 25, 2015 (FBC)- Godina Gujii Lixaatti hanga ammaatti lafti hektaarri Kuma 184 irra midhaan gosa garagaraa facaafamuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise.
Godinicha Aanaa Surroo Barguddaatti daawwannaan ooyiruun qonnaan bultootaa fi piroojektoonni garaagaraa gaggeeffameera.
Hogganaan Waajjira Qonnaa Gujii Lixaa Obbo Mohammad Baallii, akka godinichaatti qonna Arfaasaan lafa hektaara Kuma 170 sanyiin uwwisuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri Kuma 184 irra midhaan garagaraa facaafamuu eeraniiru.
Inisheetiivii qamadiin lafa hektaara kuma 27 fi 380 irra facaafamuu himaniiru.
Bulchaa Godina Gujii Lixaa Obbo Adulaa Hirbaayyee gama isaaniin horsiisee bultoonni lafa kanaan dura hinmisoomne misoomsuun ofirra darbanii abdii biyyaa ta’aa jiraachuu dubbataniiru.
Fuuldurattis hongeen yoo mudatellee haala damdamachuun danda’amun hojjechuun barbaachisaadha jedhan.
Godinaalee Oromiyaa hongeen miidhamanii turan keessaa godina Gujii Lixaatti yeroo ammaa roobni roobee deeggarsa hawaasaa fi mootummaan uummannis damdamatee misoomaa qonnaan midhaan fa’e haala gaariirra jiraachuun eerameera.
Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.