Fana: At a Speed of Life!

Gufuuwwan jiran Uummata waliin furaa badhaadhina hunda-galeessaa magaalaa keenyaaf ciminaan tajaajiluu itti fufna – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Mudde 14, 2016 (FBC) – Gufuuwwan jiran Uummata waliin furaa badhaadhina hunda-galeessaa magaalaa keenyaaf ciminaan tajaajiluu itti fufna jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen

“Sirna daldala ammayyaa guddina galii olaanaaf” mata duree jedhuun hawaasa miseensota daldalaa kuma afurii ol waliin marii milkaa’aan gaggeeffamuu Aadde Adaanachi ibsaniiru..

Hannaa fi gocha badaa akka ittisnuuf, kenna tajaajilaa ammayyoomsuu fi sirreessuuf hojiilee riifoormii cimsinee itti fufna jedhan.

Daldalaa fi galii walitti qabuu waliin wal qabatee hawaasni daldalaa dhimmoonni sirrachuu qaban akka sirratan amanamummaan gibira kaffaluu bira darbee itti gaafatamummaa hawaasummaa isaanii akka bahan, carraa hojii akka uumanii fi tasgabbii qaala’insa jireenyaa irratti karoorsanii akka hojjatan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.