Fana: At a Speed of Life!

Guddummaa keenya Addunyaatti mul’isuu qabna-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC)- Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan “Baga Ayyaana Irreechaa Bara 2017 Nagaan Geessan” jechuun ergaa dabarsan.

Ergaa isaaniin Irreecha bara kanarratti beekaa keenya qabannee, gorsa hayyuu fudhannee, naga afi nageenyaaf iddoo laannee, safuu fi duudhaa keenya kudhaammannee Abbootii Gadaa fi Haadholii Sinqeen durfamnee guddummaa keenya Addunyaatti mul’isuu qabna jedhaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Yeroon kennaa qaalii uumaan safaree kenne; kennaa ilmi namaa jiruufi jireenya isaa ittiin abboommatudha.

Sekondii, daqiiqaafi sa’aatiin ida’amee guyyaa; guyyoonnis ji’aan; ji’oonnis yayyabamanii seera uumamaa eeggachuun waggaa ta’u.
Waggaan maree dhufee maree darbus ajaja uumaan abboomama.
Seera uumamaatiin waktiileen Ganna, Birraa, Bonaafi Arfaasaan asaasa uumaa beekanii qajeelfamu.

Ilmi namaas iccitii uumaa hubachuun yeroo maree dhufee darbu keessatti ergama uumaan kenneef ogummaan guutamee raawwachuun milkaa’inootaafi muuxxannoo jireenyaa gonfata; jireenyas qajeelfata.

Uummanni Oromoos falaasama yeroo muuxannoo jireenyaan ijaaree jiruufi jireenya isaa ittiin qajeelfatu dhaha mataa isaa qaba.

Falaasama kanaan dhuka yeroo beekumsa xabboon lakkaa’ee dhaha isaa xiinxalee waaqa yeroo maree fidee dabarsu eebba waakkii malee nama badhaasu Ganna hulluuqee booqaa Birraatti ofkaluu isaaf Irreecha Malkaatti ba’ee kan darbeef uumaa galateeffachaa; kan dhufuuf ammoo kadhata.

Kabajamaa uummata Oromoo; Ganni darbee Birraan nuuf bari’eera.

Muuda booqaa Birraa muuddannee; ibsaa Masqalaas ibsinee Irreeffannaa Malkaaf geenyeerra.

Uumaan keenya dukkana Gannaa waatiif maatii, alaaf manaan ofkalchee, kan facaafnes hudhee daraaree ijas godhatee kumaaf kitilaan nu eebbiseera.

Birraa ifaaf miidhagina uumamaan faayamettis milkiin nu ceesisee akka jiidha qabannee, ulfoo naqannee malkaatti baanee galateeffannu taasise galanni kan isaati; haa galatoomu!

Deemsa uumamaa kana hubachuunis Oromoon Ayyaana waggaa Ayyaantuutu arga jedhee dhaamsa baga geessee waliif dhaama; kan fagoofi dhiyoo jirus mijuu qopheessee ofkaltii mijeessee wal waama.

Uummanni naannoofi biyya keenyaa hundi baga kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2017 nagaan geessan; baga waliin geenye jechuun ergaa gammachuu wayitan isiniif dabarsu gammachuu guddaatu natti dhagaa’ama.

Irreechi Oromoof safuu, duudhaafi aadaa isaati. Fo’aa cimaa hawaasummaa jabeessu; iccitii uumaafi uumamaa hubachiisee walooma ilma namaa mirkaneessu ulfoo eenyummaa Oromoo olkaasee mul’isudha.

Kana malees, deemsa yeroo waggaa maree dhufe keessatti injifannoo bulfatanii baatu baatee faallaa duudhaafi safuu dhufe hooddachuun egereef faloon falamee waggaa haaraaf wayyoomni lallabamu ardaa jilaa guddaa keessummeessinudha.

Kana malees, Irreechi ulfoo qorqalbii haaressu nagaafi nageenya buusee jireenya hawaasummaa jabeessee uumaa waliin walitti dhiyeessu waltajjii kabajaaf ulfina guddaa qabudha.

Irreechi akka salphaatti har’a ga’e osoo hin taane cichoomina dhugaa abbootii keenyaafi aarsaa kitilaan kaffalameen as gahe.

Galma waloof waloon dhaabbannee har’a arda jilaa guddicha miidiyaaleen Idil Addunyaa seenessan; qorattootni ajandaa qorannoo taasifatan dibaabee guddicha hamaafi hamtuu ofirraa diigee Gaanfa Afrikaatti oljedhee mul’achuu danda’edha.

Milkaa’ina guddicha kanaaf addatti uummanni Oromoo waliigala lammileen Itoophiyaa sabboonummaa sabdaneessaafi walooma leellistan galata qabu.

Kabajamaa uummata Oromoo!

Daandiin imala milkaa’inaa gonfachaa jirru kun callisee kan dhufaa jiru osoo hin taane tarsiimoo hoggansa ammayyaawaa fayyadamnee qormaatota mudatan gara carraa gaariitti jijjiiruun kan galmaa’aa jirudha.

Injifannoon rogdaneessi uummata keenya qabannee galmeessaa jirrus daandii keenya qajeelchee injifannoo caalmaaf nu onnachiiseera.

Kanaafis uummata guddaafi biyya guddoo qabannee galma keenya milkeessuuf kutannoon kan hojjennu ta’uu irra deebiin uummata keenyaaf dhugoomsuun barbaada.

Barii jijjiiramaa irraa eegallee waan karoorsine raawwachuu; waan dubbannes milkeessuu akka dandeenyu mirkaneessineera.

Duudhaafi aadaa keenya sirrii calaqqisiisaa, afaan keenyaan Mareewoo fi Gabbisayyoon jechuun uumaa kadhachaafi galateeffachaa Irreechi Malkaa Finfinnee waggoota ja’an darbe kabajachaa dhufnes mallattoofi agarsiiftuu milkaa’na imala keenyaati.

Duudhaa ganamaatti deebi’uunis cabiinsa dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa fayyisuuf tarkaanfilee addaa humnoota waloo hojiirra oolchineerra.

Kanaanis haqa waloof Mana Murtii Aadaa labsuun uummanni keenya haqasaa qeée isaatti akka argatu, misooma waloo cimsuuf tajaajila lammummaan, rakkoo hawaasummaa waloof Buusaa Gonofaan akka wal hirphuuufi nageenya waloof Gaachana sirnaan ijaaramee aggaammii diinaa akka waliirraa qolatu taasifamee qormaata uumamaafi namtolchee hedduu akka sabaatti damdamannee ceenee wal ceesisuu dandeenyeerra.

Injifannoo kanaan bu’uura jabaa ergama dhaloota egeree milkeessuuf fagoo yaadnee fagoo ga’uuf karoorsinee hojii hojjenneen milkoofneerra.

Ardaawwan jilaa qorannoon deeggarree kabajaafi ulfina malu gonfachiisuun kunuunsiif eegumsi akka taasifamuuf xiyyeeffannoon addaa kennameefii jira.

Barnoota Safuu sirna barnootaa keessa galchuun dhaloonni duudhaafi aaadaa isaa beekaa akka guddatuufi ergama dhaloota egeree ijaaruu bu’uura qabsiisaa jirra.

Magaalaa Finfnnee keessattis duudhaafi safuu uummata keenyaa deebifnee ijaaruuf pirojektoota garaagaraa eenyummaa uummata keenyaa mul’isan ijaarree tajaajilaaf oolchaa jirra.

Injifannoo arganne tiksaa; duudhaa, safuufi aadaa keenyas jabeessaa maraammartoo hiyyummaa yoo hin injifanne dhidhima hiyyummaa keessaa ba’uu hin dandeenyu.

Kanaafis mootummaan keenya hiyyummaan qaanii; badhaadhinni qananii ta’uu labsuun karoora imala badhaadhinaa hojiirra oolchee uummata isaa qindeessuun harka tokkoon olaantummaa seeraa mirkaneessaa, harka biraatiin uummata isaa qindeessee hojii misoomaa Gannaafi Bona, Birraafi arfaaasaa hojjechaa jira.

Qamadii alaa galchuu dhaabnee alatti erguu eegaluun seenaa jijjiiruus dandeenyeerra. Sirna dinagdee qeenxeen durfamu irraa gara dinagdee damdaneessatti ce’uun rifoormii jabaa hojjennee cabiinsa dinagdee fayyisuu eegalleerra. Hojii hunda qulqullina, baay’inaafi ariitiin damee hundarratti hojjennee injifachuu danda’uu keenya firaafis diinaafis dhugoomsineera.

Kabajamtoota uummattoota keenya; Mootummaan Naannoo Oromiyaa aantummaa uummata isaa mirkaneessuuf rifoormiiwwan gara garaa hojiirra oolchaa dhufe keessaa gurmaa’insi Gandaa bifa haaraan hojiirra oole tajaajila mootummaa uummatatti kan dhiyeessu gaaffii rakkoo bulchiinsa gaarii uummata keenyaa kan deebisu murtee seena qabeessadha.

Ejjennoon keenya qabeenya dilbii qabnu fayyadamnee uummata keenyatti kabaja deebifnee badhaadhina maatii mirkaneessuudha. Seenaa dabe sirreessinee Seenessa Waloos ijaarree Itoophiyaa hunda keenya mul’iftu, hunda keenyarraa hundaan ijaarree galma waloo dhugoomsuudha.

Irreecha keenya haaromsa aadaa keenyaaf oolchuun yaada tarkaanfataa qabannee obbolummaa sabdaneessa cimsaa imala keenya gama hundaan fiixaan baasuuf hojjenna.

Irreecha irree diinaa cabse; keessaafi alatti kabajaaf ulfina horate duudhaaf safuun isaa eegamee kabajamuu qaba. Irreecha bara kana Finfinnee Doloolloo Buddeenaafi Bishooftuu Hora Harsadiitti kabajannus beekaa keenya qabannee, gorsa hayyuu fudhannee, nagaafi nageenyaaf iddoo laannee, safuufi duudhaa keenya kudhaammannee Abbootii Gadaafi Haadholii Sinqeen durfamnee guddummaa keenya Addunyaatti mul’isuu qabna.

Ayyaana Irreechaa saboonni, sablammoonniifi uummattoonni biyya keenyaa akkasumas lammilee biyyoota alaa heddumminaan hawwachuun Ardaa jilaa Idil Addunyaawaa ta’ee jiru kana Oromoon irreeffannaa isaa cinaatti simannaafi hammannaa isaa cimsuun Addunyaa raajeffachiisuu qaba.

Diyaaspooraan waamicha isiniif taasifne simattanii gara qe’ee keessan ganamaatti dhuftanis baga nagaan dhuftan anaa dhufu jechaa beekumsaafi horata dhuunfaanis ta’e gareen biyyoota Addunyaa gara garaa keessatti argattan gara biyya keessaniitti fiduun biyyaafi lammilee keessan akka tajaajiltaniifi qabeenyaa keessan misooma uummata keessaniif oolchuun imala gudinaa biyyi keessan eegalte akka tumsitan irra deebi’een waamicha koo isiniif dhiheessa.

Kanaafis Mootummaan Naannoo Oromiyaa tumsaafi deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’a.

Ayyaanicha irratti hangafaa quxusuun malkaatti yaanee, Ulfoo ulfina Oromoo godhannee, jiidhaa qabannee uumamaan uumaa galateeffachuuf miliyoonota hedduun baanee sirnicha miidhaksuun cinatti ummata Addunyaas akka raajeffachiifnu waamichan isiniif dabarsa. Birraan kan quufaaf gabbinaa, Irreechi kan milkii, jaalalaafi nageenya nuuf haa ta’u!

Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna,
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina,
Waaqayyos nu gargaara.
Shimallis Abdiisaa, Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Fulbaana, 2017
Finfinnee
#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.