Fana: At a Speed of Life!

Guddinni magaalotaa haala jireenya lammiilee jijjiiruun hogganamuu qaba jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2014 (FBC) – Guddinni biyyoota hedduu kan madaalamu guddina magaalotaan waan ta’eef, guddinni magaalotaa keenya haala jireenya lammiilee jijjiiruun hogganamuu qaba jedhan Deetaan Ministiraa Ministeeraa Magaalotaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Obbo Faantaa Dajan.

Rawwiin karoora baatiiwwan sagalii proojektii wabii nyaataa magaalotaa fi seeftiineetii misoomawaa Magaala Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Deetaan Ministiraa Ministeeraa Magaalotaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Obbo Faantaa Dajan, magaalonni guddina biyyaaf gaheen qaban olaanaa ta’uu eeranii, yoo ammaa guddinni saffisaan magaalotaa galmaa’aa jiraachuu himaniiru.

Waggaa waggaan guddinni magaalotaa %5.4 akka galmaa’u kan himan Obbo Faantaan, madaalliin guddinaa biyyoota hedduu guddina magaalotaa waan ta’eef, guddinni magaalotaa biyya keenyaa haala jireenya lammiilee jijjiiruu danda’uun hogganamu qaba jedhaniiru.

Magaalotanni baay’ina ummaataa qabaataanis, jireenyi lammiilee magaalotaa keessaa sadarkaa hiyyummaa gadi ta’uu eeraniru.

Rakkoo kan itti fufiinsaan furuuf, walta’iinsa Baankiin Addunyaa fi Mootummaan Ityoophiyaa bara 2009 eegale, proojektii seeftineetii magaalotaa bocuun magaalota 83’tti babal’isuun hojjetamaa turuu himaniiru.

Waltajjii marichaan baatiiwwan 9 keessatti bu’aalee proojektichaan galmaa’anii fi karoora bara 2015’rratti bal’inaan mari’atamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.