Fana: At a Speed of Life!

Guddinni diinagdee galmaa’ee itti fufiinsa akka qabaatuuf ni hojjetama –Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2016 (FBC)-Guddinni diinagdee galmaa’e itti fufiinsa akka qabatuuf ni hojjetama jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu.
Dooktar Laggasaan raawwii karoora Dinagdee Gooroo bara baajaticharratti hojjetoota tajaajilichaa waliin mari’ataniiru.
Maricharratti haasawa taasisaniin, bara 2016’tti guddinni dinaagdee Itiyoophiyaa 7.9 argarsiisuu yaadachiisuun, guddinni kun itti fufiinsa akka qabaatuuf inisheetiivonni hojiirra oolaa jiran babal’achuu qabu jedhan.
Dameewwan hundaan guddinni diinagdee itti fufiinsa akka qabaatuuf qonnaan, indaastiriin, albuudaan, tuurizimii fi teeknooloojjirratti kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Guddina dinagdeef nageenyi barbaachisaa ta’uu ibsuun, hojiin nageenya mirkaneessuu naannawaa hundatti hojiirra oolchuuf kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.