Fana: At a Speed of Life!

Guddinaa fi Badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf humna namaa gabaarratti barbaadamaa horachuun murteessaadha -Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Hagayya 16, 2017 (FBC)- Guddinaa fi badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf humna namaa gabaarratti barbaadamaa ta’ee, ogummaa fi teeknooloojiin ga’oomee fi leenji’e horachuun murteessaa ta’uu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsaniiru.

Koolleejjiiwwan Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Magaalaa Finfinnee ja’atti barattoota muummee barnoota 22’n leenjisaa turan kuma 5 fi 180 ol eebbisisaniiru.

Sirnicharratti Aadde Adaanech ergaa dabarsaniin, guddinaa fi badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf humna namaa gabaarratti barbadamaa ta’e, ogummaa fi teeknooloojiin ga’oome fi leenji’e horachuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Aadde Adaanech Badaadhina magaalattii fi biyyattii mirkaneessuuf lammii of jijjiiree biyya jijjiiruu danda’u horachuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Dandeettiin teeknooloojii guddina dinaagdeef bu’uura waan ta’ee bulchiinsi magaalichaa xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu eeruu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.