Guddina Diinagdee Itiyoophiyaa dhugoomsuuf ce’umsi Diijitaalaa murteessadha – Dooktar Ballaxaa Mollaa
Finfinnee, Guraandhala 28, 2017 (FMC) – Guddina Diinagdee Itiyoophiyaa dhugoomsuuf ce’umsi Diijitaalaa murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan ibsan.
Dooktar Ballaxaa Mollaan,Naannawaa Afrikaatti Daayrektera Gamtaa Teeleekoominikeeshinii Idil Addunyaa Dooktar Imaanu’eel Minaasee waliin dhimmoota tumsaan hojjechuuf dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Itiyoophiyaan ce’umsa Diinagdee Diijitaalaaf xiyyeeffannoo kennuun dhaabbilee deeggartootaa waliin tumsaa fi qindoominaan hojjechuun Diinagdee biyyaalessaa itti fufiinsa qabu uumuuf hojjechaa jiraachuu Dooktar Ballaxaan ibsaniiru.
Guddina Diinagdee Itiyoophiyaa saffisiisuuf Ce’umsi Diijitaala Itiyoophiyaa murteessaa ta’uu marii isaaniin kaasaniiru.
Diinagdee Diijitaalaarratti tumsaan hojjechuun fayyadamummaa fi abbummaa Damee Teeknooloojii Diijitaalaa mirkaneessuun hirmaannaa hundaa akka gaafatu himaniiru.
Dooktar Imaanu’eel gama isaaniin, tattaaffiin Itiyoophiyaan damee Diijitaalaan gochaa jirtu jajjabeessaa fi yaalichi caalmaatti akka milkaa’uuf waloon ni hojjenna jedhan.
Itiyoophiyaan hojiirra oolmaa ce’umsa Diijitaalaa guddisuuf sonawwan barbaachisan guutuun hojjechuuf fedhii olaanaa qabaachuu kaasuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia