Guddina diinagdee fayyaalessa taasisuuf hojiimaanni qindaa’aan hoggansaa cimuu qaba jedhame
Finfinnee, Caamsaa 14, 2015(FBC)- Qaala’iinsa jireenyaa, daldala seeraan alaafi rakkoo nageenyaa ittisuun guddina diinagdee fayyaalessa taasisuuf hojiimaanni qindaa’aan hoggansaa cimuu akka qabu ibsame.
Raawwiin karoora sekteraalee mootummaa baatiiwwan 9 darbanii bakka Ministir Deetaawwan, miseensonni mana mareefi hoggantoonni dhaabbilee argamanitti gamaaggamameera.
Ministir Deetaan Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Kaasaahuun Gofeen, kontiroobaandiifi daldalli seeraan alaa sirna gabaarratti gufuu ta’uu ibsaniiru.
Cancalli daldalaa dheerachuurraan kan ka’e rakkoo daddabarsa shaqaxaalee bu’uuraa akkasumas kuduraafi muduraa hir’isuuf naannolee waliin hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Komishinarri Komishinii Gumruukaa Daabalee Qaabataan gamasaaniin, kontiroobaandiifi daldalli seeraan alaa diinagdee biyyattii miidhaa jiraachuufi ittisuuf dhaabbilee nageenyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhan.
Dhaabbilee hedduun ergamasaanii haalaan ba’achaa kan hin jirre ta’uu eeruun, hoggansiifi daldaltoonni seera qabeessa ta’an kontiroobaandii keessatti hirmaachaa jiraachuun rakkicha walxaxaa taasisuu addeessaniiru.
Rakkicha to’achuuf dandeettiin teekinooloojiifi loojistikii gadi aanaa ta’uu ibsiuun, yeroo dhiyootti sirni oomishaalee daldala al-ergiifi alaa galan dandeettii olaanaan sakatta’uu danda’u kan eegalu ta’uu eeruusaanii TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.