Guddina diinagdee Afrikaa fi Eeshiyaaf tumsi dargaggootaa cimsuu qaba – Dooktar Ergoogee Tasfaayee
Finfinnee, Waxabajjii 7, 2015 (FBC) – Afrikaa fi Eeshiyaatti guddinni diinagdee saffisaa ta’e akka galmaa’u dargaggoonni tumsa cimsuu qabu jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Dargaggootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen ibsaniiru.
Fooramiin dargaggoota Afrikaa fi Eeshiyaa faawundeeshinii O’yees giloobaalin qophaa’ee guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumurameera.
Rakkoolee misooma Afrikaa fi Eeshiyaa mudatu ce’uuf dargaggoota hirmaachisuun dirqama ta’uu Dooktar Ergoogeen ibsaniiru.
Misoomni ardiilee kanneenii bu’aa qabeessa akka ta’u dargaggoonni qooda isaanii akka ba’an gaafataniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.