Fana: At a Speed of Life!

Guddattoonni Itiyoophiyaa dorgommii “Space Olympiad”n meedaaliyaa meetii argatan

Finfinnee, Fulbaana 27, 2017 (FBC)– Guddattoonni Itiyoophiyaa dorgommii Idil Addunya “Space Olympiad” (OWAO2024) yeroo jalqabaaf hirmaachuun meedaaliyaa meetii argataniiru.

Dorgommichi Rashiyaa Magaalaa Siiriyaasitti kan gaggeeffame yoo ta’u Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni 20 hirmaataniiru.

Guddattoonni umriin 18 gadii kennaa addaa fi hubannoo kalqaa qaban hirmaachuun ibsameera.

Dorgommiin kun sadarkaa Idil Addunyaatti yeroo 3ffaa kan gaggeeffame yoo ta’u Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf hirmaachuu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.