Guddataan Ityoophiyaa qormaata idil addunyaa qabxii olaanaa galmeesse
Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC)- Lammiin Ityoophiyaa Naatinaa’eel Mulgeetaa jedhamu qormaata Kaambrijii idil addunyaa qabxii olaanaa galmeesseera.
Jireenyummaan isaa Afrikaa Kibbaa Keeptaawuun kan ta’ee guddataan umri waggaa 16 Naatinaa’eel Mulgeetaa qormaata Kaambrijii idil addunyaa 2021 fudhachuun qabxii olaanaadha jedhamee galmeeseera.
Naatinaa’eel gosoota barnootaa qoramee hunda A (qabxii olaanaa) kan galmeessee.
Guddataan kun gara fulaa duraattis biyyasaa Ityoophiyaa tajaajiluuf fedhii akka qabu Faanaa Broodkaastiing Koorporeettitti himeera.
Abbaan Naatinaa’eel Proofeeseer Mulgeetaa Fitaamoo, maatiin ijoolleesaanii barnootaan qofa osoo hin taanee Ityoophiyaa akka jaallataan taasisuun guddisuun akka irraa eegamuu himaniiru.
Qormaanni Kaambrijii idil addunyaa Ingiliizii, Ameerikaa, Awustaraaliyaa, Kaanaadaa, Niwuuzeerlaandii fi Afirkaa Kibbaatti fudhatamaa guddaa kan qabuu fi madaalli qormaataa barattootaadhaa.
Moolitoo Eeliyaastu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.