Fana: At a Speed of Life!

Grahaam Pooter leenjisaa Cheelsii haaraa ta’uun muudaman

Finfinnee, Qaammee 3, 2014 (FBC) –Cheelsiin leenjisaa Biraayitan kan turan Grahaam Pooter leenjisaa haaraa kilabichaa taasiisuun muuduu beeksise.

Tapha Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa Kibxata darbeen kan injifatame Cheelsiin leenjisaa isaa Toomas Tuheel erga ari’ee leenjisaa Biraayitan Grahaam Pooter leenjisaa haaraa taasiisuun qaxareera.

Pooter waggoota shan dhufaniif leenjisaa warra cuquliisaa ta’uuf waliigaleera.

Leenjisaan ganna 47 Pooter ”Cheelsii bakka bu’uu kootiin akkaan booneera gammadeeras” jedhe.

Pooter tapha isaanii jalqabaa Sanbata dhufu Darbii Fuulhaam waliin Cheelsiin dirree isaan ala taphatuun eegalu.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.