Fana: At a Speed of Life!

Gosoonni nyaata 27 bakka itti oomishaman hin beekkamne gabaarra jiraachun himame

Finfinnee, Muddee 22, 2012 (FBC) – Sona akka biyyaaleessatti taasifameen gosoonni nyaata bakki oomisha isaanii hin beekkamne gabaarra oola jiraachuu Abbaan Taayitaa To’annoo Nyaataa fi Qorichaa Ityoophiyaa beeksise.

Abbaan taayitichaa iddoon dhaabbilee oomishtoota kan hin beekkamnee fi fakkeeffamanii nyaatoonni  oomishaman  gabaarra oola jiraachuu beeksiseera.

Sona gabaa taasiseen oomishaaleen sadarkaa dirqaama biyyaalessaa kan hin guutne, dhaabbiilee oomishaa kan hin beekkamne, eeyyama seeraa kan hin qabne akkasumaas iddoo oomishaa fi lakkoofsa addaa kan hinqabne argamuu beeksiseera.

Dabalataniis yeroo itti oomishaamee fi itti fayyadaamaa kan hin qabne oomishtoonni gargaraa argamuu ibsuun, oomishtoonni karameellaa, zayta nyaataa, ashaboo nyaata, dhadhaa lawuzii fi dammaa ta’uu ibseera.

Oomishoonni qorannoon adda ba’an Zayta nuugii Nitsuu, zayta Izaanaa, zayta Xaanaa, zayta Ooliyaad, zayta Sikkeet, zayta nyaataa baqsaa, zayta nyaata Amiin, Zayta nyaataa Qamar, zayta nyaataa Loozaa, zayta nyaataa Lawuzii malee fi nuugii, zayta nyaataa Zabiib Qaha, dhadhaa lawuzii malee Maa’idaa, dhadhaa lawuzii Kireemii Roozaa, ashaboo Awaash, ashaboo Saaraa fi Nuur.

Ashaboo Seef, ashaboo Sinaaguu, ashaboo aydaayzid Wazatee, ashaboo Qaanaa, ashaboo Asilii, dhadhaa fi damma qulqulluu Sisaay, damma Walalaa, Kaartoons Kaandii Firuuts, Liizaa Loolii Paapfi viintoo Daanaa fa’i.

Kanaaf haawasni oomisha nyaata gabaaraa yoo bitu ofeeggannoo taasisuu akka qabu abbaan taayitichaa hubachiiseera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.