Fana: At a Speed of Life!

Gootummaan Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaa kan boonse, diina kan naasiiseedha – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 1, 2014 (FBC) – Gootummaan Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaa kan boonse, diina kan naasiiseedha jedhaan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Ajejaan Waliigalaa Humna Waraanaa fi Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana bara haaraa miseensota Raayyaa Ittisaa Adda Waraanaa Ajeja Lixaa Maayixaabirii waliin kabajaniiru.

Ajejni Lixaa garee Shororkeessaa Juuntaa barbadeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Bara haaraa abdii fi injifannoon akka ceenu waan taasiiftaniif galanni koo guddaadha jechuun miseensota kanneeniif ergaa dabarsaniiru.

Humna nagaa keenya booreessuuf dhufu kamiiyyuu gootummaan injifachuun biyya bilisoomte dhaloota dhufuu ni dhaalchisna jedhan.

Raayyaan Ittisaa akkuma kanaan duraa bara haaraattis injifannoo galmeessuuf qophii guutuu taasiisuu Ajejaa olaanaan Ajeja Lixaa MeejarJeneraal Massalee Masarat mirkaneessaniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.