Fana: At a Speed of Life!

Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa waan barbaachisu hundaan ni tumsina – Jiraattonni Godina Booranaa

Finfinnee, Hagayya 2, 2013 (FBC)- Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa waan barbaachisu hundaan ni tumsina jedhan Jiraattonni Godina Booranaa.
Jiraattonni Aanaalee godinichaa hundarraa walitti dhufan Istaadiyoomii Magaalaa Yaaballootti dhaadannoowwan gara garaa dhageessisuun deggersa fi Jaalala Raayyaa Ittisa Biyyaaf qaban muldhisan.
Raayyaa Ittisa Biyyaa birmaadummaa biyyaa kabachiisaa jiru bira ni dhaabbanna, gocha TPLF ni balaaleffanna kan jedhu dhaadannoowwan hiriirichaa keessaati dhagamaniidha.
Garee Shororkeessaan biyyi keenya hin diigamtu, Raayyaan Ittisa Biyyaa gaachana Uummata Itoophiyaati kanaaf waan dandeenyuun bira dhaabbannas jedhan.
Abbootiin Gadaas hiriira kana irraatti argamuun Raayyaa Ittisa Biyyaa bira ni dhaabbannaa jedhaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Yaaballoo obbo Jaatanii Soraa hawaasni magaalaafi badiyyaa deggersa Raayya Ittisa Biyyaaf baatan galatoomaa jedhan.
Bulchaan Godina Booranaa Obbo Guyyoo Galgaloo hiriira kana irrtatti argamuun hawaasni Godina Booranaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Ilmee dhale osoo hin mararfatiin deggersa godhaa jirtaniif galatoomaa jedhaniiru.
Akka Godinichaatti deeggersa marsaa 2ffaatiin Raayyaa Ittisa Biyyaaf re’oonni 300fi sangoota 60 kennameera jedhan obbo Guyyoon.
Maddi :-OBN
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.