Fana: At a Speed of Life!

Goofaatti lakkoofsi namoota sigiga lafaan lubbuun darbee 146 qaqqabe

Finfinnee, Adoolessa 16, 2016 (FBC)- Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaa Aanaa Geezee Goofaatti balaa sigiga lafaa kaleessaa mudateen lakkoofsi namoota lubbuun darbee 146 caaluun ibsame.

Gargaaraa Waamamaa Mootummaa Godinichaa fi Itti Gaafatamaan Damee Hariiroo Ummataa fi Siyaasaa akkasuma Walitti Qabaan Koree Olaanaa Deebisanii Dandamachiisuu Hatattamaa Yeroo Balaa Obbo Habtaamuu Feetanaa ibsa kennanniin, hanga ammaatti barbaacha namoota balaa sigigichaan miidhamanii gaggeeffameen daa’imman dabalatee reefii namootaa 146 akka argame ibsaniiru.

Ammallee hojiin namoota balichaan lubbuun darbee barbaaduu cimee itti fufuus kaasniiru.

Lakkoofsi namoota balichaan lubbuu darbee dabaluu akka danda’uu eeruu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.