Goobeen Hooda! Shinooyyeen milkii!
Achii dhuftee hidda ummata tokkoo keessa eenyummaatu jira.
Eenyummaan kuusaa calaqqee addaa — seenaa, duudhaafi safeeffannaa walxaxaa, moggaasa birqaba sabaa maqaa dhahatanii himatani. Eenyummaan, onneefi sammuu ummataa keessatti gadi fageenyaan hapheeffamee, afaan dubbatan, duudhaa kabajaniifi mallattoolee mararfataniin kan ibsamuudha.
Sirnoota walirraa lufaa darbaniif, mallattoo tokkummaa keenyaa kan ta’e eenyummaa keenya qabannee mirga abbaa biyyummaa goonfachuu mitii, gola keenyatti akka ofiitti jiraachuuf carroomoo osoo hinta’in turreera. Baroota kanneenitti mirga abbaa biyyummaa Itiyoophiyummaan ibsamuuf, gahaa taane argamuuf, eenyummaa keenya dhoksuu ykn guutumatti ofirraa mulquun dirqama ture.
Badii kana caalaatti kan hammeessu ammoo, Itiyoophiyummaatti fudhatamuuf calaqqee eenyummaa keenyaa dhoksuu ykn guutumatti ofirraa haquu qofa osoo hintaane, isaan sirnoota barichaatiin kabajamaniin oftolchuun dirqama ture. Warri dhiibbaa kanaan eenyummaa ofii ofirraa mulqanii calaqqee “Itiyoophiyummaa” barichaa fudhatan, adeemsa ofganuu kana keessa darbaniillee, warra “Itiyoophiyummaa” dhalootan dhaalle jedhaniin walqixumma hinqaban ture.
Eenyummaan keenya sirnoonni waggoota hedduuf itti wal jijjiiranii yuyyessuuf dhiitaa turan, qabsoo sabaa, baadiyyaa hanga magaalaatti, ilmaan kumaa kitila itti gabbarameen, qabeenya gartee badu osoo hintaane, falaasama eenyummaa jabaa, Oromummaan keenya qofa osoo hintaane, Itiyoophiyummaan keenya ittiin ibsamu ta’uu muldhiseera. Itiyoophiyummaan kennaa ykn waan nuuf hinmalle osoo hintaane, mirga lammummaa eenyummaa keenyan ibsamu ta’uu goonfanneera. Har’a Itiyoophiyummaa goonfachuuf Oromoon wanti shaakalu hin jiru; eenyummaa isaa Oromummaa qabachuun qofti gahaadha. Kanaaf akka dhala hortee saba kanaatti itti fufnee Goobeefi Shinooyyee bilisummaan yoo kabajnu gammachuu addaa waliini.
Caacculee eenyummaa dhufaatii ayyaana Irreechaa akeekaniifi barii birraa dura kabajaman keessaa Goobeefi Shinooyyeen Oromoo biratti jaalatamoodha. Goobeefi Shinooyyeen taatee osoo raareen hinqoorin, fixeensi hinharca’in, duumessiifi hurriin samii irraa hinduguugamin, caffeen hinjabaatin, booruun lageewwanii hincalalin, dalaliin qarqara haroowwaniii hintuulamiin, qeerroofi qarreen abdii booqaa birraa misiraachoon Uumaa irraa fuudhanii umamatti riqicha ta’uun labsaniidha.
Ijoollen dhiiraa goobee yoo dhiichisan, akkas jechaa waljalaa qabu:
“Goobilee- goobileyoo….. goobee goobaa
Gooben geesse jedhani …. goobee goobaa!
Yoo dandessee jedhanii….. goobee goobaa!
Goobee maaloo goobsan malee kormi hin aaduu
Goobee hoo!
Goobee maaloo simalee kan biraa hin yaadu
Goobee hoo!
Goobee maaloo gooba tuula yaa faaxulaa
Goobee hoo!
Goobee maaloo dhiirti birraa kana duula
Goobee hoo!
Goobee maaloo goobee itti dheeressi.
Goobee hoo!” Jedhu.
Sirni Goobee abdii, booruu Gannaa irraa gara booqaa Birraatti tarkaanfachuuti. Kanaan hofkaltii cehumsa Gannarraa gara Birratti tarkaanfachuu keenya Uumaa ittiin galateeffanna. Birraan abdiidha, araara, badhaadhinafi gammachuudha; Oromoon falaasama isaa keessatti birraadhaan Booqaa jedhee faarsuun kanaafi. Dargaggeessi Goobeedhaan goota faarsa; ittiin misoomaafi nageenya faarsa; ittiin dhaadatas.
Ji’uma kana ijoolleen durbas sirna qabu — Shinooyyee/Aseesaa. Shinooyyeen ijoollee dubraaf miirafi yaadannoo addaati.
Weedduuwwan jaalalaa qalbii namaa harkisan, faaruu suga birraa akeekan, urgaa foolii abaaboo leellisan, sagalee simbirrootaa, huursa laggeeniifi qulqullummaa Uumaafi birmadummaa umamaa leellisantu qarreewwan shinooyyee sirbaniin lallabama.
Qaarreewwan Shinooyyee/Aseesaa yoo taphatan, akkas jechuun foolii birraa biifu:
“Abaabilee yaa doolee
Yaa eemmoo birraa roobee
Dhallaadduu buqqiffannaa
Dhallaadduu buqqiffannaa
Gurguddoo heerumsiisnee
Xixiqqoo guddifannaa
Abaabilee yaa doolee
Yaa eemmoo birraa roobee
Bishaan booruu yaa booruu(x2)
Daddarbaaf karra yaanaa
Yaa Abbaa nooruu nooruu
Abaabilee yaa doolee
Yaa eemmoo birraa roobee”
Sirbiifi faaruun kunneeniin, lafa ho’isuu qofa osoo hintaane, ittiin hawwii qaban ibsatu; ittiin abdii labsu. Sagaleen hiddamaan qarreewwanii, qillisni yeedaloo sagalee durbaa umama hundaaf gammachuufi naatoo milkii dorrobsuudha. Ililleen sagalee isaanii cirracha lageewwanii dhaaba; biqiloonni daraaraa hudhan akka futtafatan yaadachiisa, Birraa waqtii gurracha gaggeessee bari’uuf nagaa, araara, badhaadhinafi milkii hoodata.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata qabsoo sabaa eenyummaan keenya osoo hinmulqamin Itiyoophiyummaa keenya nugoonfachiiseef qabu duudhaa Oromummaa ganamaa dagaagsuufi dhaabbilee itti ijaaruun mirkaneessuu galma taasisee baldhinaan socho’aa jira. Sirna Gadaafi Irreechaa dabalatee Goobeefi Shinooyyee, akkasumas faaruu, afoolaafi ayyaanota falaasama ummata keenyaa mandheeffatan dadammaqsuu, eeguufi tiksuu irratti hojii baldhaa raawwataa kan jiru yoota’u, sochiin ilaalchafi falaasama ummaticha gama hundaan babaldhisuufi itichuu dirqama Oromoo hundaa ta’uu asumaan yaadachiisuun barbaada.
Goobeefi Shinooyyee/Aseesaan dhaloota haaraa gara duudhaa ganamaatti deebisuu keessatti shoorri isaan taphatan kan laayyoo miti. Ummata keenya hundaan baga geessan; baga geenye jechaa, addatti Dargaggootaafi Shamarran keenyaa aadaa bareedaafi boonsaa kana agarsiisuu, beeksisuu, akkasumas kan dagate yaadachiisuufi kan hinbeekne barsiisuuf magaalaa guddoo keenya Finfinnee dabalatee iddoo garagaraatti sirnicha miidhagsaa jirtan hundi galatoomaa, ulfaadhaa isiniin jechuun barbaada!
Birraan milkiif ofkaltiidha!
Gadaan quufaaf gabbina!
PMNO Shimallis Abdiisaa