Fana: At a Speed of Life!

Gola Yaadannoo Injifannoo Adwaa

Finfinnee, Guraandhala 3, 2016 (FBC)- Pirojektiin Yaadannoo Injifannoo Adwaa Finfinnee Birbirsa Goorootti (Piyaassaa) lafa hektaara 5 irratti kan ijaarame yoo ta’u, lafaa gaditti darbiiwwan lamaa fi lafaa olitti darbiiwwan 5 kan qabuudha.

Gamoon kunis Balbalootaa 8 kan qabuu yoo ta’u balbaloonni kunneenis “Balbala Gootota Bahaa”, “Balbala Gootota Lixaa”, “Balbala Gootota Kaabaa”, “Balbala Gootota Kibbaa”, “Balbala Abbootii Fardeenii”, “Balbala Goototaa”, “Balbala Paan Afrikaaniizimii” jedhamuun kan moggaafamaniidha.

Pirojekticha keessas meeshaaleen aadaa fi waraanaa garaagaraa ol ka’amaniiru.

Akkasumaas siidaawwan dursitootaa waraanaa yeroosii fi ajajoota waraanichaa 12 dabalatee hojiileen aartii abbootii fardeenii waraanicharratti hirmaataanii argisiisan dhaabamaniiru.

Yaadannoo gootota kuma 120 kan leellisu, sosochii Paan Afrikaaniizimii kan argisiisuu fi Faawunteenii Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa argisiisu kan of keessatti qabatedha.

Galma walga’ii yeroo tokkotti namoota kuma 2 fi 500 qabachuu danda’u Galma Paan Afrikaaniizimii, galma hundagaleessa namoota kuma 2 fi 300 yeroo tokkotti qabachuu danda’uu fi namoota kuma 4 qabachuu kan danda’uu Dirree Ispoortii mana keessaa fi galma kan qabudha.

Bakka daa’imman taphatan, suuqiiwwan daldalaa, dirree shaakala Ispoortii, kaaffee fi restoraantii, biiroowwan tajaajila baankii fi bakka agarsiisa aartii fakkii kan qabudha.

Bakka dhaabbii konkolaattota kuma 1 olii dabalatee manneen siniimaa lama tokkoon tokkoo isaanii namoota 280 qabachuu danda’anis kan qabudha.

Akkasumaas tibbana gara biyyaa kan fidame Xiyyaarri ‘Tsahaay’ yaadannicha keessaa ol kaa’ameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.