Godinni saba Majaang Lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii Miiliyoona 3 ol taasise
Finfinnee, Sadaasa 1, 2014 (FBC) – Naannoo Gambeellaatti godinni saba Majaang Lammiilee sabababa waraanaan qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii godina Shawaa Kaabaatti argamaniif deeggarsa Birrii Miiliyoona 3 olitti tilmaamamu taasiseera.
Deeggarsichi lammiilee buqqa’aniif barbaachisaa waan ta’eef torban lama keessatti uummata godinichaarraa walitti qabuun taasisuu bulchaan godina saba Majaang obbo Abrahaam Maayikil ibsaniiru.
Fuuldurattis hanga rakkoon kun hiikamutti deeggarsi taasifamu kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.
Naannoo Amaaraatti Bulchaan godina Shawaa Kaabaa obbo Taaddasaa Gabratsaadiq gama isaaniin, godinicha keessa lammiileen sababa waraanaan qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an kuma dhibba 2 fi kuma 18 ol jiraachuu ibsuun deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.
Deeggarsi taasifame boqqolloo kuntaala 733 fi uffannaa kuma 3 fi 200 ol tilmaama Birrii miiliyoona 3 taasifamuu eerameera.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.