Godinni Koonsoo godina Booranaaf deeggarsa nyaata beelladaa taasise
Finfinnee, Onkololeessa 8, 2014(FBC) – Naannoo Uummattoota kibbaatti godinni Koonsoo godina Booranaaf deeggarsa nyaata beelladaa taasiseera.
Godiina Booranaatti roobni Arfaasaa fi Gannaa xiqqaachuu isaan miidhaa guddaa beelladaa fi namarra qaqqabeera.
Miidhaan Booranarra ga’e miidhaa keenya jedhan Bulchaan bulchiinsa godina Koonsoo obbo Daawwit Gabayyoo.
Nyaata beelladaa konkolaataa fe’umsaa 18 fi bishaan bottee 2 deeggarsa taasisuu ibsaniiru.
Uummanni Oromoo fi Uummanni Koonsoo tokko, dhumaatii beelladaarra ga’aa jiru kana hambisuuf ga’ee keenya ni ba’anna jedhaniiru.
Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Qonnaa fi Misooma Baadiyyaa obbo Abdurahimaan Abdallaa gama isaaniitiin, Uummata obbeleessa isaa ta’e Uummata Booranaa gargaaruuf Uummanni Koonsoo kan jalqabaa ta’uu fi deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.
Bulchaan bulchiinsa godina Booranaa obbo Jaarsoo Boruu deeggarsa taasifameef galateeffachuun, obbolummaa keessan gochaan mul’istaniirtu jechuu isaanii ragaan Wajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Koonsoorraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.