Fana: At a Speed of Life!

Godinni Kafaa tiraaktaroota Birrii miiliyoona 58 bitee aanaaleef qoode

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Godinni Kafaa oomishaa fi omishtummaa qonnaan bultoota godinichaa fooyyessuuf tiraaktarootaa 25 qoodeera.

Tiraaktaroonni kunneen makkaanaayizeeshinii qonnaa babal’isuuf kan tumsan ta’uu kan eerame yoo ta’u, baasii Birri miiliyoona 58 bulchiinsa godinichaan bitamuun aanaalee fi magaalotaaf qoodameera jedhame.

Tiraaktaroonni kunneen aanaalee godinichaa 12 fi magaalota 5’f kennameera.

Bulchaan Godinichaa Obbo Indaashaawu Kabbadaa tiraaktaroonni kunneen maloota qonnaa duubatti hafoo keessaa ba’uun makkaanaayizeeshinii babal’isuun, qonnaa ceesisuuf gumaacha kan qabuu ta’uu eeruun, yeroowwan ittaanan hojiileen teeknooloojiiwwan qonnaa babal’isuu cimee kan itti fufuudha jedhaniiru.

Ittaanaa Pirezidaantii fi Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Kibbaa Obbo Maasirashaa Balaachoo, godinichi daandii maakkaanaayizeeshinii qabachuu eeranii, godinaaleen biroos fakkeenyummaa Godina Kafaarraa barachuu qabu jedhaniiru.

Tiraaktaroonni qoodaman kunneen lafa hektaaraa kuma 38 ol misoomsuuf gargaara ibsameera.

Abduu Maahammadtu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.