Godinni Baale Bahaa pootenshaala Qonnaa, Turizimii fi albuudaa olaanaa qaba-Pireezidaanti Shimallis
Finfinnee, Mudde 2, 2017 (FMC)- Godinni Baale Bahaa pootenshaala Qonnaa,Turizimii fi albuudaa olaanaa qaba jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Pireezidaanti Shimallis Daawwanaa Hojii Godina Baalee Bahaatti taasisaa turan xumuruun ergaa dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii akka itti aanuutti dhiyaateera.
Daawwannaa hojii misoomaa Godinaalee Oromiyaa garagaraatti ji’oota darbe eegalle itti fufnee, ummata keenya Baale Bahaa gidduutti argamuun hojiilee misoomaa raawwatamaa jiran ilaallee jirra.
Baale Bahaa argama gaarreen Angaatuu, Holqa Soofumar, Dirree Sheekaa Naahuseenii fi kuulama laga Waabeeti.
Lafti qabeenya akka kanaa kun dagatamee gaheefi poteenshaalli isaa dhokatee ture.
Baale Bahaa pootenshaala qonnaa, turizimiifi albuudaa olaanaa kan qabudha.
Mootummaa Jijjiiramaa kana hubachuun gama tokkoon gufuuwwan gama daandii, bu’uuraalee anniisaafi bishaanitiin jiran hiikuu gama birootin ummata sochoosun inisheetivoota adda addaa babaldhisuu irratti argama.
Daawwanna kanaan, Aanaa Laga Hidhaa Ganda Hara Goorootti kilaastara mishingaa, Aanaa Sawweenaa ganda Kattaa Dibbeetti Hidha Finnaa Kattaa Dibbee, Aanaa Raayituutti Hidha Jallisii Calcal, Aanaa Qaacanitti Hidha Waabee ilaallee jirra.
Waliigalaan sochiilen misoomaa jajjabeessan godinichatti muldhataa kan jiran yoota’u, poteenshaala naannawaa kana jiru sochoosuuf hudhaalee gama hundaa salphisuun fayyadamummaa ummataa caalatti mirkaneessuuf hojjetamuu qaba.
Gama biraatiin, ummanni keenya galiifi qusannaa isaa dabaluu irratti xiyyeeffachuun invaastimantiitti ce’uurratti akka hojjetu, hoggansi sadarkaan jiru qixa sirriin ittigaafatamumma isa akka bahatu dhaamaa, ummanni keenya godina Baalee Bahaa simannaa nuuf gootaaniif galatoomaa jechuun barbaada.