Godinichi Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii Miiliyoona 39.5 ol taasise
Finfinnee, Qaammee 2, 2014(FBC)- Godinni Jimmaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii Miiliyoona 39.5 olitti tilmaamu taasise.
Godinichi deeggarsa sangoota 250, re’ootaa 12 fi hoolota 222 akkasumas Birri callaa miliyoona 5 fi kuma 600 taasisuu bulchaan godina Jimmaa obbo Tijaani Naasir ibsaniiru.
Weerara Ityoophiyaarratti aggaamame qolachuuf wareegama kaffalaa kan jiru Raayyaa Ittisa Biyyaa cimsuuf hunda dura xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dabalataanis waajjirri dhimma Dubartootaafi Daa’immanii godinichaa Rayyaa Ittisa biyyaaf galaa gosa garagaraa kiiloogiraama kuma2fi 806tti tilmaamamu qopheessuun deeggarsa taasisuu itti gaafatamtuun waajirichaa aadde Laxifaa Abba Nagaa dubbataniiru.
Bifuma walfakkaatuun jaarmiyaalee dargagoota nageenyaa fi tasgabii godinichaa eegsisuurraatti bobba’anii jiraniif holoota 30 fi sangoota 20 deggarsa taasisaniru.
Deeggarsa ariifachiisaa uummanni godiinichaa rayyaa ittisa biyyaaf taasiseef obbo Tijaaniin galateeffachuun gara fulduraatti waan hundaan Raayyaa Ittisaa Biyyaa cinaa kan dhaabbatan ta’uu dubbataniiru.
Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.