Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti sagantaan nyaata barattoota daa’imman kuma 100 ol fayyadamoo taasisu eegalame

Finfinnee, Fulbaana 16, 2015(FBC)- Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneetti, sagantaan nyaata barattoota bara 2015 daa’imman kuma dhibba 1fi kuma 98 fayyadamoo taasisu Manneen barnoota 333 keessatti eegalame.

Bulchaan godinichaa obbo Girmaa Hayiluufi Ittaanaan Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa obbo Girmaa Baayisaa, Bulchiinsa Magaala Sandaafa Bakkee Manneen Barumsa Bakkeefi Laga Daadhii sadarkaa 1ffaatti argamuun saganticha eegalchiisaniiru.

Barattootaafis meshaalee barnoota gosa garaagaraa kennaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkee obbo Alamaayyo Tonkoluu, magaalichatti barattoonni kuma 10 tajaajila nyaataa kan argatan ta’uu himaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee obbo Firakiyyaa Kaasahuun, godinichatti manneen barnootaa 333 keessatti sagantaan nyaata barattootaa bara 2015 eegalamuu himuun, barattootni kumni dhibbi 1fi kumni 98 sagantaa kanarraa fayyadamoo kan ta’an ta’uu eeraniiru.

Bulchaan Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Obbo Girmaa Hayiluu gamasaaniin, piroojektii Gumaata Caffee Tumaan, deeggarsa mootummaa Naannoo Oromiyaafi Bulchiinsa Magaala Finfinneen hojiin manneen barnoota ijaaruufi nyaata barattootaa dhiyeessuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ittaanaan Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa obbo Girmaa Baayisaa, Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2015tti barattoota miiliyoona 11.3 barsiisuuf karoorfamee hojiitti galamuu eeruun, Kanneen keessa barattoonni miliyoona 7.5 warreen tajaajila nyaataa argatan ta’uu ibsuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.