Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti sagantaan Nyaata barattootaa eegalame

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC) – Godina Shawaa Kibba Lixaatti sagantaan Nyaata barattootaa ifatti eegalameera.

Inisheetiviin Nyaata barattoota nyaachisuu akka godina Shawaa Kibba Lixaatti aanaa Gooroo mana barumsa Gururaatti bakka hoggantoonni sadarkaa godinaa fi aanaa argamanitti jalqabameera.

Sagantaan kanaan Manneen Barnootaa kutaa 1- 4 akka godinaatti jiran 401 keessatti barattoota kuma dhibba 2 fi kuma 7 fi 100 tajaajila nyaataa kan argatan ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira barnoota godina Shawaa Kibba Lixaa obbo Dinkeechaa Chaakkaan ibsaniiru.

Sagantichi harcaatii barattootaa hambisuun qulqullinaa barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Sagantaan nyaata barattootaa kun qindoominaa Waajjira Barnootaa fi Buusaa Gonofaan kan gaggeeffamu ta’uu fi guyyaa har’aa mannneen barnootaa 92 keessatti eegalamuu Itti gaafatamtuun Waajjira Buusaa Gonofaa Damee godina Shawaa Kibba Lixaa adde Maskaram Abarraa dubbataniiru.

Sagantaa kanarrattis dubartoonni gurmaa’uun hojii nyaataa qopheessuu irratti hirmaachuuun carraa hojii argachuu isaanii himamuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godinichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.