Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti Ruuzii Kuntaala miliyoona 3.2 ol walitti qabame

Finfinnee, Ebla 3, 2016 (FBC)- Qonna Gannaa fi Bonaan Ruuzii lafa hektaara kuma 95 fi 242irra misoomerraa omishni kuntaala miliyoona 3.2 ol walitti qabamu Waajjirri Qonnaa Godina Qellem Wallaggaa beeksise.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Mul’ataa Waaqjiraan godinichatti, inisheetivii qonnaan oomishni Ruuzii fi Atoo Boonsituu aanaalee godinichaa hundatti Bonaa fi Gannaan misoomaa jiraachuu ibsan.

Qonna Gannaan Ruuzii lafa hektaara kuma 95 fi 242’rra misoomerraa omishni kuntaala miliyoona 3 fi kuma 204 fi 680 walitti qabamu eeraniiru.

Yeroo ammaa Ruuziin lafa hektaara 104 jallisiin misoomaa jiraachuu ibsaniiru.

Kana malees, Atoo Boonsituu lafa heektaara kuma 16 fi 989 misoomerraa omishni kuntaala kuma 277 fi 296 ol argamu himaniiru.

Godinichatti inisheetiiviiwwan qonnaa hojiirra oolaa jiran milkaa’a jiraachuu kan himan Obbo Mul’ataan, wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee, galii qonnaan bultootaa foyyeessuu fi al-ergii guddisuuf xiyyeefannaan hojjatamaa akka jiru dubbataniiru.

Qonnaan Bultootnni Godinichaa Aanaalee Daallee Waabaraa fi Gaawoo Qeebbee yaada isaanii FBC’f kennan akka himanitti, omishaalee naannawichatti baramaa hinturre Ruuzii fi Atoo Boonsituu oomishuu eegalaniiru.

Kanaan dura lafa misoomaaf oolaa hinturre, bara darbeerraa eegalee misoomsuun oomishaalee wabii nyaataa mirkaneessanii fi daldala alaa guddisan giddugaleeffachuun hojjachaa jiraachuu dubbataniiru.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.