Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti Pirojektoonni 88 Birrii miiliyoona 900 oliin ijaaraman tajaajilaaf banaa ta’an

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2015 (FBC) – Godina Booranaatti Pirojektoonni 88 Birrii miiliyoona 900 oliin ijaaramaa turan xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’an.

Jilli Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Ijaarsaa Obbo Namarraa Buliin durfamu Godina Booranaatti Pirojektoota garaa garaa 88 baajeta mootummaafi hirmaannaa uummataa Birrii miiliyoona 968 oliin ijaaramuun xumuraman eebbisuun tajaajila eegalchiisera.

Godinichatti ijaarsi pirojektoota Finnaa, Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu, riqichoota garaagaraa, bishaan dhugaatii namaaf horii, keellaa fayyaa namaa, ibsaa daandii irraafi kilaastara IMX baajeta mootummaafi hirmaannaa ummataan hojjetamaa turan xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru.

Hoogganaan Biiroo Jallisiif Horsiisee Bulaa Oromiyaa Injiinar Girmaa Raggaasaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruuf jireenya horsiisee bulaa jijjiiruuf hojii hojjechaa jiruun Godina Booranaatti pirojektoota Finnaa hojjechuun uummanni Godinichaa rakkoo sababa hanqina roobaatiin dhufu akka damdamatu taasifamaa jiraaachuu himuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.