Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti Pirojektoonni 128 ol Birrii miiliyoona 700 oliin ijaaraman Eebbaaf qophaa’uun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 30, 2016 (FBC)- Godina Baalee Bahaatti pirojektoonni garaagaraa 128 baajata mootummaa fi hirmaannaa ummataan Birrii miiliyoona 700 oliin ijaaraman xumuramuun eebbaaf qophaa’uun ibsameera.

Naannichatti Pirojektoota misoomaa qulqullina fi yeroo qabame keessatti xumuruun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuun eerameera.

Haaluma kanaan Godina Baalee Bahaatti pirojektoonni gosa garaagaraa 128 baajata mootummaa fi hirmaannaa uummataan Birrii miiliyoona 700 oliin hojjetaman xumuramuun eebbaaf qophaa’uu Bulchaa Itti Aanaan Godinichaa Obbo Mahaammad Ismaa’eel himaniiru.

Pirojektoonni kunneen buufata fayyaa, daree dabalataa manneen barnootaa, keellaa fayyaa, tajaajila bishaan dhugaatii, daandii kobilistooni, daandii cirrachaa, riqaalee, haroo, ijaarsa gamoo, sheediiwwan kilaastaraa fi kanneen biroo ta’uu Obbo Mohaammad eeruu ragaan Biiroo kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.