Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti mala ammayyaan loon diqaalomsuun oomisha aannanii dabaluuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2017 (FBC) – Godina Jimmaatti mala ammayyaan loon diqaalomsuun oomisha aannanii dabaluuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Bara bara kana saawwan aannanii kuma 365 ol mala ammaayyaan diqaalomsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godina Jimmaa himeera.

Bara 2016tti saawwan kuma 264 ol mala ammayyaan diqaalomsuun danda’amuu Itti Aanaa Itti Gaafatamaan waajjirichaa obboo Awwal Kaliin himaniiru.

Saawwan mala ammayyaan diqaalomsuun oomisha aannanii dabuuf gahee olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Hanqina Naayitroojinii mudate furuuf warshaan isaa ijaarame hojii eegaluu eeraniiru.

Abdurahmaan Mahammaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.