Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti hawaasni Gumuz kumni 10 sababa rakkoo nageenyaan qe’eesaaniirraa baqatanii turan deebi’an 

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC)– Naannoo Beenishaangul Gumuz godina Matakkalitti  hawaasni Gumuz kumni 10 sababa rakkoo nageenyaan qe’eesaaniirraa baqatanii turan gara qe’ee isaaniitti deebi’uu ibsame.

Lammiileen kunneen gara qe’eesaaniitti deebi’uu kan danda’an hojii qaamoleen nageenyaa waloo naannichatti nageenya mirkaneessuuf hojjetaniin nageenyi waan mirkanaa’eef  ta’uu bulchaan godinichaa obbo Gaashuu Duugaaz ibsaniiru.

Sababa rakkoo nageenyaan hawaasni Gumuz lubbuu isaaniif yaadda’uun gara bosonaatti baqatan torbanoota darban keessa gara qe’ee isaaniitti deebi’uu eeraniiru.

Miseensota garee hidhattoota naannichaa harka isaanii karaa nagaa hin kenninu jechuun didan irratti tarkaanfiin fudhatamu cimee itti fufuu kaasaniiru.

Gareen hidhattootaa naannicha keessa socho’u yeroo ammaa uummatarraa adda ba’aa jiraachuu fi humni isaa dadhabaa dhufuu addeessaniiru.

Komishinii Hoggansa Balaa naannichaatti Daayrektarri deebisanii dhaabuu obbo Asressahaany Abajjee gamasaaniin lammiilee buqqa’aniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.